Dhorkaa Miidiyaa Hawaasaa fi Interneetii Turkii Keessatti

11/21/2016 - 1 daqiiqaa dubbisaa

Haareffame: 10/26/2021

Erga seera-tumtoonni 12 deeggartoota Kuurdii to'annaa jala oolfamanii Paartii Dimookiraatawaa Ummattootaa (HDP) irraa barii Sadaasa 4ffaa keessa, Facebook, Twitter, Instagram, YouTube, WhatsApp fi Skype Turkii keessatti cufamaniiru. Dhiheessaan intarneetii Turk Telekom guutummaatti tajaajila intarneetii akka dhaabe yookiin hanga qunnamuun hin danda'amnetti walqunnamticha suutessuu isaa gabaasni tureera.

Waa'ee daangessuu kanaa murtoon ifaa ta'e kan hin jirre ta'us, fi ibsa BTK Turkii guutuu keessa rakkoon teeknikaa akka jiru kennee ture illee, Ministirri Muummee Binali Yildirim boodarra guyyichuma sana ibsa kennaniiru akkas jechuunis “Sababa nageenyaatiif, tarkaanfiiwwan akkasii yeroo gara yerootti fudhatamuu danda'u. Tarkaanfiiwwan kun yeroof kan fudhatamanidha. Balaan erga dhabamsiifamee booda wanti hundi gara duraaniitti deebi'a.”

Dhoowwaan miidiyaa hawaasaa fi intarneetii kutaa biyyattii irra caalu keessatti galgala itti aanutti kan dhaabbate ta'us, dhuma torbaniitti naannolee tokko tokko keessatti rakkoon walqunnamtii yeroo gabaabaa kan ture yoo ta'u, maamiltoonni Turk Telekom tokko tokko yeroo dheeraadhaaf intarneetii akka hin qabne gabaafameera.

Guyyuma sanatti, miidiyaaleen naannoo hedduun Abbaan Taayitaa Teeknooloojii Odeeffannoo fi Qunnamtii Turkii (BTK) dhiheessitoota intarneetii biyyattii akka ajaje gabaasaniiru meeshaalee ittisa saensarii bira darban akka cufan, Psiphon dabalatee. Oduun kun jiraatus, Psiphon tajaajilli isaa miidhamuu isaa agarsiisa tokkollee hin argine.



BTK'n meeshaaleen ittisa bira darban akka cufaman ajajamuusaanii kan haale ta'us; haata'u malee Ahment Arslan, Ministirri Geejjibaa, Galaanaa fi Qunnamtii, akkas jedhan: “Nuti sababoota shororkeessummaa qofaaf itti fayyadama VPN daangessina. Dhugumatti eenyullee kana irratti mormii hin qabaatu.”
SaansariiTurkiiPsiphon VPN

Kan itti aanu dubbisi